Maqaaleen Rabbii keenya hundi babbareedoo fi amaloonni (sifaanni) Isaa hundii sifaata gugguutuu ta’aniidha. Namni kanniin hunda hubachu kan danda’u, maqaalee fi sifaata barachuuf yoo tattaafateedha.
Imaamu bin Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: “Karaa maqaalee fi sifaatatin gara Rabbii deemun dhimma ajaa’iba ta’eedha. Namni maqaalee fi sifaata Rabbii beeke, warrota garmalee ifaajan baay’ee dursa. Rakkoo guddaa osoo hin arginii fi biyya isaa keessaa osoo hin bahini fi hin raata’in [gammachuu barbaadu] argata.
Ilisasishwa tarehe
24 Okt 2023